Gamtaan Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Gamtaan Filannoof(Gamtaan filannoof) jaarmiyaalee miseensota 190 ol of keessaa kan qabu yoo ta’u dhaabbata bu’aaf hin hojjennee fi dhaabbata hawaasa siivikii miti mootummaati. Gamataan kun Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii (ACSO) Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaan bara 2011tti akkaataa Labsii Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Lakk.1113/2019 jalatti  lakkoofsa galmee 4748 tiin heyyama argateera.Dhaabbatichi kan dhaabbateef gahee dhaabbileen hawaasa siivikii Itiyoophiyaa ilaalcha filannoo, barnoota lammummaa fi filattotaa, walitti bu’iinsa filannoo ittisuu, akkasumas ijaarsa dandeettii miseensota isaa guddisuu fi qindeessuuf.

Gamtaan kun erga hundeeffamee kaasee Rifarandamii Naannoo Sidaamaa bara 2011, Filannoo Waliigalaa bara 2013 (Waxabajjii 21, 2013 fi Fulbaana 30, 2014), Rifarandamii Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa bara 2013, Rifarandamii Kibba Itoophiyaa fi Zoonii Walaayittaa bara 2015, fi bara 2016tti naannoo Benishaangul Gumuz, Affaar, Giddugaleessa Itiyoophiyaa fi Naannoo Somaalee filannoo hafee fi filannoowwan dabalataa geggeeffaman ilaaleera.  Gamtichi dhaabbilee dimokiraasii fi hirmaannaa lammiilee cimsuuf hojiilee abukaatummaa fi barnoota lammummaa adda addaas gaggeessee jira.

Gamtaan kun Filannoo Waliigalaa 7ffaa dhufuuf ilaalcha filannoo irratti gorsa ogeessaa kennuuf Koree Gorsaa Teeknikaa hundeessuuf adeemsa irra jira. Koreen Gorsaa kun koree ogeessa dhaabbataa ta’ee Boordii Waldichaaf gorsa teeknikaa sadarkaa olaanaa, xiinxalaafi madaallii balaa kennuudhaan ilaalcha filannoo sirrii, loogii hin qabnee fi ogummaadhaan gahumsa qabu mirkaneessuuf ni tajaajila. Koreen kun gareewwan ilaalcha filannoo lammiilee miiltoo Waldichaa Gaanaa fi Keeniyaa keessatti argaman irraa muuxannoo walfakkaatu fayyadamuun gabaasawwan gamaaggamuu, balaa seeraa fi nageenyaa irratti gorsa kennuu, fi taateewwan filannoo xiinxaluun amanamummaa ilaalcha filannoo gamtichaa mirkaneessuuf ni hojjeta.

Gamtaan kun lammiileen, dhaabbileen hawaasa siivikii, dhaabbileen barnootaa, fi toora ogummaa hundi namoota dhuunfaa gahumsa qaban (ofii isaanii dabalatee) miseensummaa koree kana keessatti akka kaadhimamaniif waamicha ni dhiyeessa. Waamichi ummataa kun adeemsa filannoo adda addaa fi gahumsa irratti hundaa’ee fi ogummaa, qulqullina, fi bakka bu’ummaa heddumina Itoophiyaa calaqqisuuf dursa kennu mirkaneessuuf kan akeekedha.

Qabiyyee Koree Gorsaa

Koreen kun miseensota jaha (6) kan of keessaa qabu yoo ta’u, dameewwan armaan gadii keessa ogeessi tokko ni filatama:

1. Seera (Seera Filannoo, Seera Heera Mootummaa, ykn Mirga Namoomaa)

2. Saayinsii Siyaasaa (Xiinxala Siyaasa, Waldhabdee, fi Adeemsa Filannoo)

3. Istaatistiksii (Istaatistiksii, Xiinxala Daataa)

4. Teeknooloojii Odeeffannoo (Nageenya Dijitaalaa, Teeknooloojii Filannoo, ykn Sirna Daataa)

5. Gaazexeessummaa fi Komunikeeshinii (Imaammata Komunikeeshinii) 

6. Madaallii Balaa Nageenyaa (Xiinxala Waldhabdee ykn Qajeelfama Nageenyaa) 

Ulaagaalee Miseensummaa

Dorgomtoonni ulaagaalee xiqqaa armaan gadii guutuu qabu:

● Dameelee armaan olii keessaa tokkoon digirii qabaachuu qabu.

● Damee ogummaa isaanii irratti yoo xiqqaate muuxannoo hojii waggaa shan (5) qabaachuu qabu.

● Dudhaalee dimokiraasii, loogii dhabuu fi paartii dhabuu (paartiilee siyaasaa ykn kaadhimamaa adeemsa filannoo irratti hirmaatan waliin hidhata hin qabne) irratti kutannoo walabaa agarsiisuu.

● Ulaagaa naamusaa cimaa, loogii irraa bilisaa fi amanamummaadhaan gaarii kan qabu.

Heddumina Itoophiyaa gama saalaa, qaama miidhamummaa, fi sabaan calaqqisiisuuf tattaaffiin ni taasifama. Miseensonni kaffaltii malee turtii waggaa lamaaf fedhii isaaniitiin tajaajilu.

Kaadhimamaan akkamitti kaadhimamuu danda’a?

Kaadhimamaa dhiyeessuuf (ykn of kaadhimuuf), sanadoota armaan gadii dhiyeessu qabdu:

● Iyyattoota ofii isaanii dhiyeessaniif CV gahumsa, muuxannoo fi milkaa’ina walqabatu ibsu.

● Kaka’uumsa, beekumsi ogummaa isaanii ergama Gamtaan Filannoof waliin akkamitti akka walqabatuu fi adeemsa filannoo dimokiraatawaa ta’eef kutannoo qaban ibsu Ibsa fedhii(fuula 1) dhiyeessuu.

● Nama biraa yoo kaadhimamtan waa’ee kaadhimamaa odeeffannoo barbaachisaa ta’e; akkasumas ibsa gabaabaa maaliif ulaagaa guutu jettanii akka amantan hundumaa dhiyeessuu.

Iyyannoowwan karaa imeelii gara info@cecoe.org (ykn karaa unka galmee marsariitii keenyaa https://cecoe.org/job-openings/ ergu qabu)

Iyyattoonni sarara mata duree imeelii irratti “Kaadhimummaa Koree Gorsaa” jechuun iyyachuu qabu.

Guyyaan xumuraa iyyannoon itti dhiyaatu: Guraandhala 28, 2028.

Iyyanni Guyyaa kana booda dhiyaate fudhatama hin qabu.

Adeemsa Filannoo

Dorgomtoonni hundi adeemsa gamaaggamaa iftoominaa qabu fi gahumsa irratti hundaa’e keessa ni darbu:

1. Ulaagaaleen xiqqaan akka guutaman sakatta’iinsa jalqabaa Barreessaa Filannoo Gamtaatiin mirkaneessuu.

2. Madaallii Koree xiqqaa qorannoo, kunis af-gaaffii ykn waamicha qorannoo dabalatee ta’uu danda’a.

3. Yaadonni dhumaa Boordii Filannoo Gamtichaaf dhiyaatee akka ragga’u ni taasifama.

Miseensonni filataman hanga Bitootessa 31, 2026tti ni beeksifamu.

Maaliif hirmaattu?

Ogeessota kaadhimuun adeemsa dimokiraasii Itoophiyaa cimsuuf ni gargaartu. Koreen gorsaa kun qulqullina Filannoo Waliigalaa 7ffaa, to’annoo si’ataa fi ogummaan lammiilee Itiyoophiyaa hunda fayyadamoo taasisu mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa ni taphata.

Gaaffii ykn odeeffannoo dabalataaf, barreessaa keenya info@cecoe.org irratti qunnamaa.

Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa Gamtaan Filannoof (Gamtaan Filannoof)

Finfinnee; Itoophiyaa

Guraandhala 2, 2018