Haata’u malee, tatamsa’insi Vaayirasii Koronaa dhimmoota mudoowwan bulchiinsaafi hojmaata birootiin walqabatee waldhibdeewwan siyaasaa hammeessuun walitti bu’iinsi akka uumamu waan taasiseef yeroon filannoon itti adeemsifamu akka harkifatuufi haalli filannichaa hundi walxaxaa akka ta’u godheera. Sababoota kanneeniin filannichi Naannoo Tigiraayiin alatti guutummaa biyyattii keessatti Waxabajjii bara 2013 akka adeemsifamu kan karoorfame ta’us, naannolee Harariifi Sumaaleetti guutumaan guutuutti akkasumas Naannoo Uummattoota Kibbaa bakka muraasa keessatti kenniinsi sagalee gara Fulbaana 20 bara 2014tti akka darbu taasifameera. Kana malees, lammiileen Itoophiyaa guutummaa naannoo Tigraay keessa jiraatan, iddoowwan muraasa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beeniishaangul Gumuziifi kutaawwan muraasni bulchiinsa mootummaa naannolee Affaar, Amaaraafi Oromiyaa keessatti filannoon waan hin adeemsifneef Mana Maree Bakka-bu’oota Uummataa keessaayis ta’ee Mana Maree Naannolee keessaa hanga ammaatti bakka-bu’aa hin argatin waan hafaniif, Gamtaan Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa (CECOE) n filannoon marsaa 6ffaa kun ammallee xumura kan hin argannedha jedhee amana.

FileAction
oromiffa cecoe final report.pdfDownload